Your cart is currently empty!
IMALA JIREENYAA

Imala jireenyaa keenya keessatti eerga dhalannee eegallee bu’aa bahii hedduu keesssa darbina.
San keessaa tokko gola hoo’aa,mana haarmee ofii dhisanii biyyaa bahuun akka fakkeenya jalqabaati.
Biyyi nuti deemne nuuf orma.
Nutis biyyichaaf orma.
Wal-simachuuf dursa wal-barachuu qabna.
Akkaataa jiruuf jireenyasaanii:,nyaataaf dhugdoo hanga aadaa alaa-mana isaanii beekuun dirqama.
Waan kanneeniin wal-simachuu dadhabee meeqatu xiin-sammuu miidhame?
Meeqatummo waliigaltee dhabee bikka yaadee osoo hn geenye bakka dhufetti deebi’e?
Namni mana ofiititti afaan ofiitiin haasawee baratee bakka fedhe deemee oolee galu sun hardha bakka takkittii hojii qofa jedhamutti hidhama.
Woggoota 9fi10 ardhaa wantoonni an armaan olitti barreesse itti jiraachuuf miti yaaduufiyyuu ni ulfaata.
Amma garuu akkasii miti manni tokko kan maqaansaa interneetii jedhamu jirakaa.
Maatiikee,Isa jaallattu,isa hawwituyyuu arguu baattus qaamaan foolii wali-suufuuf carroomuu baattuyyuu yaadaaf yaaddoo walii wolitti haasawuuf marii gaggeessuu dandeessa.
Akka gogorriitti yoo dammaqaa taatemmo ittis daldalatta.
Of-barta.
Of-jabeessuuf wantoota hamilee nuuf ta’an hordofuufii humna nukeessa jiru ol-baasnee hojitti hiikuuf wanti nu daangessu hn jiru.
Sammuu qixxee nuuf kenname keessatti itti fayyadama keenya wal madaalchisnee imallaan kaayyoof jiraannaan eessas jiraattu jireenyi salphaadha.
𝙬𝙖𝙧𝙧𝙖 𝙜𝙖𝙢𝙖𝙖,𝙬𝙖𝙧𝙧𝙖 𝙜𝙖𝙢𝙖𝙨𝙞𝙞,🙏
𝙝𝙤𝙧𝙖𝙖 𝙗𝙪𝙡𝙖𝙖.

Leave a Reply