Your cart is currently empty!
Author: hinari

IMALA JIREENYAA
Imala jireenyaa keenya keessatti eerga dhalannee eegallee bu’aa bahii hedduu keesssa darbina.
San keessaa tokko gola hoo’aa,mana haarmee ofii dhisanii biyyaa bahuun akka fakkeenya jalqabaati.
(more…)
dhoorkaadha.🦋🥀🦋
Namni tokko nama lama ; tokko dhalatee
Lama waan dhalateef argeeti!
Namni tokko nama lama; tokko haadhasaa jalatti. Lama nama ofirraa baaseeti! Deebisee jaalateeti. Argatus argatuu baatus nama tokko keessa nama lamatu jira.Barbaadee ofkeessaa baasee ofumaaf oolfachuun ammo gahee nama onnee isaa dhaggeeffatuuti! Onneenis lama takka tan boru dhageessu; takka tan waan amma feetu qofa dhaggeeffattu! Hojii isii dhiiga raabsuu akka ta’e hanga dagattutti nama dhiistee bahuu geettu! Yoo balblakee itti cuftee sammuukee dhaggeeffatte malee isiin tun badduudha hamtuudha! Jabaatanii buna itti dhuguun yoo boohuu feete ijaaf hayyamanii boohuun of keessaa yoo hin baasan malee gatii boru kanfaltu iftaanillee kanfaltee ofirraa hin xumurtu! Amma akki kun inni kun dhoorkaadha!
Nama lama ta’uun kophaattuu darara daraaraa isaatti obsan malee! Bakkuma tokkoo bahanii bakkatti wal fixu! Inni kun wal danda’uu nam kanfalchiisa! Amma kun dhoorkaadhas ; dhoorkaas miti! Nama kanfalaniif beekuu gaafata 🥀
An onneekoo caqasuu dhiiseera! Onneen !🥀
Hin dhagahin siin hin jedhu dhaggeeffadhu onneekee garuu gara eebjuu keetii karaa si geessituun yoo harkaa qabaatte qofa balbala baniif malee; itti cufi!
Jabeenya qaamaaf sammuukeetiif boqonnaa dhoorkii jabeessii hojjadhu!🍀
Akkana yoo hin goone dhoorkaadha! Jireenyi lafaan si dhoofti.Yoo hiriyyaa garaa qabaattemmo wojjiin taphadhu bahi bakka feete deemi.
Hora bu’i, gaara bahi; sportii sammuu hojjadhu dubbisi journal your self 🙂
Create Original content and journal for yourself 🤭
An ofumatti hima ! Osoma argu balballi sun garab jedhe! Baga jedhe!Wanti gubbaarraa dhoorkame dhoorkaadha 🥀🦋
